Daniel 4:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato atini ilaaltu, ee hayyicha malaikaani gubbaa ga buute waan jette, mukha kana muri, balleesi, ammo hunda isaa lafati hambisi. Sibiila guraachafi diima iti kayi hid'i, buuyo woliini achumati lakisi, duuba ha fiit'eesi isa jiisuti; ha ganna torba bineensafi buuyo woliini tauti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootii kiyya! uduu ati argitu ka waa eegu woyyuun tokko sami'ii bu'ee muka san mura'aa balleessaa'a; gufuu isaa ammo haada sibiilaa fi sibiila diima'aan naannaya isaa hidha'aatii achumatti dhiisaa'a, inni lafuma raasa'aatitti marga lalisaa keessa haa taa'uu fixeensa sami'iitiin haa shamuu; jireenni isaa haga woggaa torbaa bineensa bosonaa woliin haa jiraatuu» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee mooticha, ati ergamaan Waaqaa woyyichi tokko ol-gubbaa irraa dhufuun dhaggiteerta; inni, ‹Muka san mura'aa balleessa'a; jirmaa fi hidda isaa ammoo, wodaroo sibiilaatii fi sageettu'uutiin hidha'aatii, marra bisilee diida keessaatitti lafa keessatti lakkisa'a. Inni fixeensa ol gubba'aatiin jiidhuu ti; bineensota woliin marra lafaa keessa le'uu ti; haga woggaa torbaatitti bineensota woliin le'uu ti› jedhe.