Daniel 4:34 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganni torbaani kaani hobaanaani, anini, hayyu Nebukadrezani waaqa ollale, jennaani qalbini nati deebite. Jennaani anini Waaqa gudda faarse, isa ka haga jiru jireenna jiru guddise. Inni haga jiru jireenna mohata, finni isaleeni bara ch'ufa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Nabukadanatsoor akkana jedhe, «Ani haga woggaan torbaa sun lufeen maayessa ol jedhee gara sami'ii laale; gara yaada namumma'aallee hin deebi'e; Rabbii maraa olii hin galatoonfadhe; Waaqummaa isaa ka bara baraatiifillee ulfinnaa fi jajuu dhiyeesseef; bulchiinsi isaa baraa haga bara baraati; barri mootummaa isaa dhuma hin qabu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Barri sun yennaa muummowe, ani Nebukadnezaar gara ol-gubba'aa ilaale; qalbiin tiyyalle naa deebite; Waaqi Ol Aanaan ka haga bara baraa le'u haga bara baraa waan bulchuuf, mootummaan isaalle dhaloota irraa haga dhalootaa waan teeteef, ani isa eebbisee, leellifadhee, ulfinna isaaf kenne.