Daniel 4:37 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma anini, Nebukadrezani, hayyu gubbaa faarse ulfeese guddisa, hujiifi karaani isaleeni ch'ufti ka d'ugaati. Inni nama ufi guddisu ch'ufa dandae kiyyiba iraa kuta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani Nabukadanatsoor mootii sami'iitii galata, ulfinna fi jajuu dhiyeessaaf; wonti inni godhu maruu sirri'i; karaan isaa karaa haqaati; worra boonaan masakkaman maraa salphisuu danda'a» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Hujiin Mooticha ol-gubba'aa sirrii, karaan isaa qajeelaa waan te'eef, worra kooraa ideemulle, waan gad deebisuuf, ani mootichi Nebukadnezaar isa hin leellifadha; ulfinnaa fi guddinnalle isaaf hin kenna» jedhe.