Daniel 5:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa tante tana keesa nama tokoti jira, ka lubbu waaqoota qulqullo qabu. Gaafa abbaani kanke jiru inni aka qalbifi hubachafi qarooma waaqooti qabdu qabu ufi garsiise. Jennaani abbaani kanke, hayyu Nebukadrezani, gudda worra wo himutifi falfaltufi worra qaqaroofi worra ayyaana heddu isa tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootummaa kee keessa nama hafuurri waaqolee woyyu'uu irra jirutu jira; namni kun bara mootummaa abbeetii akka waaqole'ee nama beekkumsa, ogumma'aa fi hubannaa qabu ta'ee argameera; sababaa kanaaf abbaan kee mootichi Nabukadanatsoor isa bulchaa worra moranii, worra asmaa katabanii, worra ogeeyyi'iitii fi worra urjii laakkaya'aa waa himanii taasisee muudee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootummaa teeti keessa nami ayyaanni waaqota woyyootaa isa keessa jiru tokko jira; nami sun bara mootummaa abbaa keetii akka waaqotaa beekkumsaan, hubanti'ii fi qarumma'aan guutamee dhaggameera; abbaan keeti mootichi Nebukadnezaar worra xanu, worra moru, worri falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, irratti itti gaafatamaa isa godheera.