Daniel 5:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari mala na d'aufi, falfaltu natiini d'ufani, t'aafi taana sooma waan isiini jettu hima jed'aniini, ammo worri soome himu dad'abe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ogeeyyii gorsa kennanii fi worra asmaa kataban maruu akka barreeffama kana dubbisanii hiikkaa isaa natti himaniif waamamanii gara kiyya dhufanii turan; garuu isaan hiikanii naa ibsuu hin dandeenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qaroole'ee fi worri moru barreeffama kana dubbisee, hiikkaa isaa akka natti beessisanuuf na dura dhikaataneeraniiyyu; ammoo hiikkaa barreeffama sanii naaf himiisa hin dandeenne.