Daniel 5:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo aka anini d'agaye, atini dandeete waan d'ossanifi waan nami imbeenne ch'ufa beete himta. Yo atini t'aafi tana soomte waan isiini jettu nati himte, ubaara d'eera bule diima siti kayani, looti worqi mormati si kayani, nama sadeeso ka hayyuti aanu si tolchani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati ammo waan dhossa'aa akka hiittuu fi waan nama rakkisu maraa dandeetti hiiku'uu akka qabdu dhagayeera; kanaafuu ati barreeffama kana dubbiftee hiikkaa isaa yoo natti himte akka ati uffata ulfinnaa diimaa dhiilgee uffattu, badhaasa worqi'ii akka mormatti godhattuu fi baallii mootummaa kiyyaa keessatti nama sadeesso'oo akka taatu si taasisa» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati ammoo hiikkaa kennuu, waan nama rakkisulle hiikuu akka dandeettu ani dhage'eera; amma barreeffama dubbisuu, hiikaa isaalle natti beessisuu yoo dandeette, woyaan dhiilleen sitti hin uffifanti; worqiin mormaalle morma keetitti hin keyama; mootummaa tiyya keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee hin bulchita» jedhe.