Daniel 5:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato taani daad'i d'uganu, Belshazani muduunufi qori ta worqifi qarsiini mid'aasani, ta duri abbaani isaa Nebukadrezani Mana Waaqa ka Yerusalemu keesaa boojie, kootani jed'e. Wonti inni waan sunini koota jed'eefi, aka isaafi jara isaa gugurdafi nad'eeni isaatiifi gaarayooti isaa daad'iini d'uddu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu daadhii woyini'ii dhuga'aaran mootichi Bilxaasoor daadhii woyini'ii dhugee hennaa itti oo'e xuwweewwan worqi'ii fi meetii irraa hojjataman ka abbaan isaa Nabukadanatsoor mana woyyuu Yerusaalemiitii fide akka fidan tajaajiltoota ufii ajaje; mootichi wonti waan kana godheef isaa fi worri baallii qaban, haawwonni manaa isaatii fi dubartoonni inni mata gala itti galu akka xuwweewwan sanniiniin dhugan barbaadeeti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Belshaazaar daadhii woyni'ii adoo uniisatti jiruu, meya worqi'iitii fi meeti'ii ka abbaan isaa Nebukadnezaar galma Yerusaalemii keessaa baase innii fi qondaaltoti isaa, niitotii fi gursumeeyyiin isaa itti unanuuf akka fidanu ajaje.