Daniel 5:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Naamafi isa gargari baasani, qalbini isaa gargalte ta bineensa taate. Inni harre diidatiini woliini alati gale, aka karaaba buuyo nyaate, alati gale, fiit'eesi guyya ch'ufa isa jiise. Duuba eege inni aka Waaqi guddaani nama fide nama fed'u ch'ufa hayyu tolchu ee jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii keessaa hin ari'ame, yaada namumma'aa keessaa bayee akka bineensaa ta'e, akka sanga'aatittillee marga dheeda'aa harriin diidaa woliin akka jiraatu taasifame, hulee itti quphatu dhabee fixeensa sami'iitiin nafti isaa shame; sababaan wonti kun ta'eef akka Rabbiin maraa olii mootota maraa irratti baallii qabuu fi mootummaa maraa nama barbaadee akka kennuu danda'u haga hubatu'uuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii fedheef akka kennu, haga inni beekutti, inni kolbaa keessaa ari'amee, qalbiin isaa jijjiirantee, akka bineensaa te'e; harree didaa woliin le'ee akka hori'ii marra dheede; nafi isaalle fixeensa ol-gubba'aatiin jiidhe.