Daniel 5:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini Waaqa gubbati wollaalte, muduunufi qori mana isaa guurte d'ufteeni, duuba siifi jara kanke gugurdafi nad'eeni teetifi gaarayooti tanteleni daad'iini d'uddani, waaqa worqifi qarsifi sibiila diimafi sibiila guraachafi mukhaafi d'akhaani mid'aasani faarsitani — waaqa woma ingarre, ka woma ind'ageenne, yokhaani ka woma imbeenne. Ammo atini Waaqa duafi jireenna kanketifi ammalle waan atini tolchitu ch'ufa harkaa qabu guddisu didde.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati siri'ii Waaqa sami'iititti boontee ol uf qabde; meeshaa worqi'ii ka mana woyyuu keessaa saamamanii dhufan fuusiftee atii fi worri baallii qaban, haawwonni manaa teetii fi dubartoonni ati mata gala itti galtu ka daadhii itti dhugan gootan; haga dhuddaniin maayessa waaqolee tolfamaa arguu yookaan dhagawuu hin dandeenne ka woma tokkollee hin beenne ka worqi'ii meetii, sibiila diimaa, sibiila, mukaa fi ka dhagaa irraa hojjataman galatoonfattan, Waaqa jiraataa ajjeesuu yookaan fayyisuu danda'uu fi ka jireenna kee tooyatu ammo hin kabajjine.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
ati Goottaa ol-gubba'aa mormitee, ifi ol qadde; meya Galma Waaqaa keessaa akka fidanu goote; atii fi qondaaltoti teeti, niitotii fi gursumeeyyiin teeti, daadhii woyni'ii itti untane. Ati waaqota worqii irraa, meetii irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa, mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka hin dhaggine yookiin ka hin dhageenne yookiin ka womaa hubatuu hin dandeenne leellifatte malee, Waaqa jiru'u fi ideensa keeti toowatuuf ulfinnaa hin kennine.