Daniel 5:29 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hojuma suni Belshazani hojattu isaa yaame, ubaara d'eera bule diimafi diima Danieli kaya, ammalle looti worqile mormati kayafi, jed'eeni. Duuba inni nama sadeeso ka hayyuti aanu isa tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Bilxaasoor yoosuu akka Daani'eelitti uffata ulfinnaa uwwisan, badhaasa worqi'ii akka mormatti isaa godhanii fi baallii mootummaa ufii keessaa akka inni nama sadeesso'oo ta'u taasisanii akka isa muudan labsi'iin ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Belshaazaar woyaa dhiillee Daani'elitti akka uffisanu, worqii mormaa morma isaatitti akka keyanu ajaje; mootummaa ifii keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee akka bulchu lassii baase.