Daniel 5:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba hojuma suni iye falfaltufi worra wohimufi ka ayyaana heddule yaama jed'e. Worri d'ufe jennaani hayyuuni waan jed'eeni, Nama t'aafi tana soome waan isiini jettu nati himu, ubaara d'eera bule diima iti kayani, looti Worqi mormati kayani, nama sadeeso ka hayyuti aanu tolchani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni worra asmaa katabu, worra moruu fi worra urjii laakkayanii waa himan akka gara isaa fidan hincinnaayee ajaje; isaanillee hennaa waamanii dhufan mootichi, «Namni barreeffama kana dubbisee hiikkaa isaa natti hime uffata ulfinnaa diimaa dhiilgee uffata; badhaafni worqi'iillee hin kennamaaf; inni mootummaa kiyya keessatti baallii argatee nama sadeesso'oo ta'a» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi qoonqoo guddo'oon, worra xanu, worra moruu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara isaa akka ol seensisanu ajaje. Yennaa isaan ol seenane inni isaaniin, «Nama barreeffama kana dubbisee hiikkaa isaa natti himutti woyaan dhiilleen isatti hin uffifanti; worqiin mormaa morma isaatitti hin keyanti; mootummaa tiyya keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee hin bulcha» jedhe.