Daniel 5:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyu Belshazani haga qarale ira mudame, jari isaa gugurdaleeni ch'ufti waan tahu wollaale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Bilxaasoor waan guddisee hucuucameef fuulli isaa ta qaraa caalaa gurraachate; worri baallii qaban wonti kun faallaa isaanitti ta'ee waan godhan dhaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre mootichi Belshaazaar ka durii caalaa guddoo sodaatee, fuulli isaa jijjiirame; qondaaltoti isaalle waan jettu wollaalte.