Daniel 6:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Danielini aka seera suni beesisa ira kayani d'ageennaani kae gale. Dereshani mana isaa toko Yerusalemuti fuula deefata. Duuba inni akuma aada isaa kaani deresha suni bane, artiti jilbiifate, guyya keesa maro sadi Waaqa kad'ata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daani'eel yoma seerri akka itti mallatteeffamee mirkanaaye beekellee gara gamoo irra jiraatuu ol baye; foddaawwan gamoo sanii kolba Yerusaalemiitiin bana'a; inni akkuma tanaan dura godha'aa ture jilbiiffatee Waaqa ufii galatoonfata'aa guyyaa keessa harka sadihii kadhata'aa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daani'el ajaji akka itti mallatteeffame yennaa beeke, gara mana ifii ka kolloon mana irraa ka foddaan isi'ii fuullee Yerusaalemiititti banameeruu ol bayee, akkuma dur godhu guyya'atti yennaa sad jilbiiffatee gara Waaqa ifii daadimatee, leellifate.