Daniel 6:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri ch'ufti wolti d'ufe, gara hayyu d'aqe, Danieli hime waan jed'e, Ee hayyicha, atini seera baafte, nama guyya sodoma namaafi waaqa d'ibi si male kad'atu goda nyeench'i miju keesa buusa jette. Hayyichi waan jed'e, Ee akasuma anini seera jaba baase seera gosa Meditifi ka Ajemi, ka nami dandae garaingalchine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan maruu woliin gara mootichaa dhaqanii akkana jedhanii Daani'eeliin himatan, «Daani'eel waan seera baye diigeef mootii keenna; ati seera namni tokkollee haga guyyaa soddomaa yoo gara kee ta'e malee Waaqa biraa yookaan nama biraa kadhate akka boolla leencotaatitti gatamu seera baaftee irratti mallatteessitee hin turree?» jedhaniin. Mootichi, «Ee ani seera akka seera Meedooniitii fi Faarisii jabaa hin jijjiiramnee baaseera» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba isaan Daani'el himatiisaaf gara mootichaa dhaqanee, marroo ajaja baye saniitiif, «Ee mooticha, nami guyyaa soddoma kana keessatti gara keeti qofa malee, gara waaqa dhibi'ii yookiin gara namaa daadimate, boolla neenqaatitti akka gatamuuf ajaja bayetti mallatteessiteertaayyuu motii?» jedhane. Mootichi deebisee, «Eeti'i, ajaji akkuma seera Medooniitii fi Faaresii ka hin jijjiirannee bayeera» jedhe.