Daniel 6:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri waan hayyuuni jed'e, namichi Yuda toko ka boojiani, ka Danieli jed'ani, sii insaalfatu, ee hayyicha, yokhaani seera atini baafte inguutu. Inni guyya ch'ufa maro sadi Waaqa kad'ata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee, «Eeganaa mootii keenna! Daani'eeliin worra booji'amee ka Yihuuda'aa si hin kabajju; seera ati labsitee irratti mallatteessite diigee guyyaa keessa harka sadihii Waaqa ufii kadhata» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba isaan mootichaan, «Ee mooticha, Daani'el worra biyya Yihuda'aatii booji'amane keessaa tokko ka te'e sun, si'iif yookiin ajaja ati itti mallatteessiteef ulfinna hin kennu. Inni haga ammaa guyya'atti yennaa sad gara Waaqa ifii daadimata» jedhane.