Daniel 6:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyichi mana ufiti gale, sagaleefi taba dide, hiriba d'abe, haga lafti bariituti akasuma ch'iise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi gara mana mootummaa ufii deebi'e; womaa hin nyaanne, wonti isa barbaachisu akka hin dhiyaanneefiif halkan guutuu uduu hin rafne bule.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba mootichi gara mootummaa ifii deebi'ee, halkan san sagalee adoo hin nyaatin, wonni isa gammachiisulle akka isaaf dhikaattu adoo hin barbaadin, hirriiba dhabee bule.