Daniel 6:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi malaika ufi erge afaani nyeench'a ch'ufe, nyeench'i woma tokole na intolchine. Wonti inni akasi tolcheefi, waan anini takaa isa durati wollaala intolchinifi, ammalle sile takaa waan hamtu intolchine, ee hayyicha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka leenconni na hin miine Rabbi maleekkaa ufii ergee afaan leencotaa cufe; inni wonti kana godheef ani afoo isaatitti mudaa waan hin qabnee fi sillee akka hin yakkine waan beekeef» jedhee deebiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Waaqa kiyya duratti ka komii hin qanne te'ee waan dhaggameef, akka neenqi na hin miine, inni ergamaa ifii ergee afaan neenqaa cufe; ee mooticha, ani si duralle'etti dokonkora hin hunye» jedhe.