Daniel 6:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyichi aka male gammade waan jed'e, Danieli goda suni keesaa baasa. Jennaani Danieli qulqulicha woma intahini goda kaani keesa fuud'ani, waan inni Waaqa ufi d'ugeefatefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi guddisee gammadee akka Daani'eeliin boolla leencotaatii baasan ajaje; hennaa isa baasan akka inni Rabbiin hedatee akka miidhaan tokkollee isa irra hin geenne argan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi guddoo gammadee, Daani'el boolla san keessaa akka ol baasanu ajaje; maarre isaan boolla san keessaa isa ol baasane; Daani'el Waaqa ifiititti waan addateeruuf, madaan takkaalle isa irratti hin dhaggane.