Daniel 6:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyichi, Jara Danieli hime kaani ch'ufa qaqaba jed'e, worraafi nad'eeni worraatifi ijoolle worrale ch'ufa qaqabani, goda nyeench'a keesati guurani. Ato worri hunda goda suni ingahiini nyeench'i worrati baafate nyaate lafeele ch'ach'abse hobaase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa mootichi worra Daani'eeliin himatan qabanii akka fidan ajaje; inni akka isaan haawwota manaa ufiitii fi ijoollee ufii woliin qabamanii boolla leencotaatitti gataman taasise; uduma isaan lafa hin geenne, leenconni isaan cicciranii lafee isaaniillee caccabsan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajaja mootichaatiin worra Daani'el dharaan himate san niitota isaaniitii fi ijoollee isaanii woliin fidanee, boolla neenqaatitti gatane; adoo isaan boolla keessa lafa hin geyin, neenqoti isaan bubbutanee lafee isaanii mara butuchane.