Daniel 6:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini amma seera baasa, aka nami lafa anini fidu keesa jiru ch'ufti Waaqa Danieli sodaate saalfatufi. Inni Waaqa jiru, ka haga jiru jireenna tau. Finna isaa dandaani imballeesani jabeenni isaaleeni muumme inqabu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin mootummaa kiyya keessa jiraatu maruu Waaqa Daani'eelii akka sodaatanii fi akka kabajjan labsee ajajeera; Inni Waaqa jiraata'aa fi ka baraa haga bara baraa jiraatu; mootummaan isaa hin badu; mootummaan isaa dhuma hin qabu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan mootummaa tiyya keessa jirtu marti Waaqa Daani'elii akka sodaattuu fi ulfeessitu ani lassii baaseera. «Inni Waaqa jiraataa haga bara baraa le'u. Mootummaan isaa ijjumaan hin baddu; barri mootummaa isaalle ijjumaa dhuma hin qabu.