Daniel 6:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu, nami si jala hojatu ch'ufti — jara, jara gugurdati matatifi, jara gugurdafi jara worra suni jala hojatu, hojattuuni d'ibileeni — yayu woligalle, aka atini, ee hayyicha, seera baafte, seera suni aka male jabeesitu, aka guyya sodoma nami tokoleeni namaafi waaqa d'ibi inkad'anne, si male, ee hayyicha. Nama seera kana ch'abse ch'ufa ha goda nyeench'i miju keesa buusaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nu'u worri mootummaa kee keessatti ramadamnee baallii guddaa qabnu Abukaatoon seeraa, abboonni halange'ee nu'u worri akka keetii worri gorsa kenninuu fi worri biyya bulchinu yaada woyii irratti wolii galle, kunillee amma irraa jalqabee haga guyyaa soddomaa yoo si kadhatan malee Waaqa biraa, yookaan nama biraa akka hin kadhanne akka labsii labsisiiftuuf, namni seera kana diigu yoo jiraate akka boolla leencotaatitti gatamu ajaji.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee mooticha, haga guyyaa soddomaa eennulle gara keeti malee, gara namaa yookiin gara waaqa dhibi'ii akka hin daadimanne, ati mootichi ajaja baattee, ajaji sunille akka muummeffamu, nami ajaja kana hin muummessine boolla neenqaatitti akka gatamu, nuuti qondaaltoti mootumma'aa gugurdoon, sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitootii fi gorsitooti wolii galleerra.