Daniel 7:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
nafa isaa ch'ufa lola ibidati keesaa yaa. Nama kuma hedduti isaa hojata, ammalle nama muumme inqamne, ka kunki kunkiti, isa, dura ch'iisa, kori tae, kitaaba banani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Burqaan ibiddaa kolba teessoo ulfinnaa isaatii burqa; inni tajaajiltoota kumaatamatti laakkayaman qaba; maleekkonni kumaatamatti laakkayaman isa afoo dhaabataniiran; dhaddachi murti'ii jalqabame; kitaabbanillee hin banaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maddi ibiddaa isa duraa maddee yaa'a; worri kuma heddu'utti laakkowamu isa tajaajilan; worri miliyoonii heddu'utti laakkowamulle isa dura dhaabbatan; korri mura'aa tee'e; kitaabotille banamane.