Daniel 7:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato anini tae ilaalu, gaafa diqa kaani, ka tae kiyyibe ufi saadu, d'agaye. Jennaani ato anini tae ilaalu bineensa afreeso kaani ijeesani reefa isaa ibida keesa buusani gubani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani laagaa uf jaju'uu ka gaafni dubbatu dhagayee laale, ani uduu isa laala'aaru bineensi haga qabamee ajjeefameen maayessa ibiddatti gatamee akka qaamni isaa gubatee badu taasifame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani sababa dubbii gaafi sun kooraan dubbatuuf isa ilaale; adoo ani ilaaliisatti jiruu, bineensi sun ijjeefamee, reeffi isaa gubatee akka baduuf ibiddatti gatame.