Daniel 7:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini waan bineensa afreeso kaani, ka bineensa kaani sadeeni iraa gore, beekhu fed'e — bineensa hama nama mudamsiisu, ka waan ijeese qeench'a isaa ka sibiila diimatifi ilkaani isaa ka sibiila guraachatini gargari ch'ire miilaani ira ejaanjattu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa bineensota maraa keessaa bineensa addaa ka arfeesso'oo san maraa caalaa beekuu barbaada; bineensi kun ka guddisee nama sodaachisu, dhadhoolee waan arge maraa ilkaan ufii ka sibiilaa fi sibiila diima'aatiin caccabsee mummuree ka nyaatuu fi ka waan hafe luka ufiitiin irra deemu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Achiin duuba ani marroo bineensa arfeesso'oo, ka bineensota kaan mara irraa adda te'e, ka guddoo sodaachisu, ka ilkaan sibiilaatii fi qeenca sageettu'uu qabu, ka waan ijjeese nyaatee, caccassee, waan hafelle miilaan irra sirbuu, hiikkaa isaa ta dhuga'aa beekuu barbaade.