Daniel 7:20 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini ammalle waan gaafa isaa kud'annaani kaanitifi gaafa didiqa eege bahe, gaafa sadeeni kaani bubuqise, beekhu fed'e. Gaafi sunini ilaafi afaani kiyyibo ufi totolcha qaba, ammalle gaafa kaani ch'ufa ira nama mudamsiisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ammallee waan gaafa kudhanii ka mataa bineensaa kana irra jiru waan gaafa diqqaa maayessa bayee akkasuma waan gaafa sadiinii ka gaafa diqqa'aaf hulee kennu'uuf buqqa'anii beekuu barbaadan; gaafni diqqaan kun ijaa fi afaan qaba; inni kaawwan caalaa ka nama sodaachisuu fi ka uf jaju'uun dubbatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma marroo gaafota kudhan ka mataa isaa irra jiruu, marroo gaafa diqqicha quuqee ol bayeetii fi marroo gaafota sadii ka gaafa diqqicha duraa buqqa'anee beekuu barbaade; gaafi diqqichi kun gaafota kaan ka caalu fakkaatee, ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu.