Daniel 7:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato anini tae gaafa isaa suni ilaalu, gaafi diqaani toko jiddu gaafa kaanitini bahe, gaafi diqaani suni gaafa gugurda kaani sadi bubuqise. Gaafi diqaani suni ila namaatifi afaani kiyyibo ufi totolcha qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu ani waan gaafa isaa dhudhuma'aaru gaaffan isaa jiddu'uu gaafni diqqaan biraa ol baye; gaafa sanii bakka kennu'uufiif gaaffan sadiin duraanii buqqa'an; gaafni diqqaan kun ija akka ija namaatii fi afaan boona dubbatuun qaba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani marroo gaafota isaa san adoo yaadiisatti jiruu, gaafi diqqichi dhibiin odduu gaafota saniitiin quuqee ol baye; gaafota qaraa keessaa sadiin ka isaan dura jiranu buqqa'ane; gaafi diqqichi kun ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu» jedhe.