Daniel 8:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini malaika malaika d'ibi wo gaafattu d'agaye Isiini waan jette wonti daayya tana keesati argani kunini yoomi dabarti? Ch'ubbuuni hamtuni fulla sorio guyya ch'ufa baasani d'uftu sunini haga yoomi teeti? Haga yoomi askarti gubbatiifi mana Waaqale ira ejaanjatani?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa hennaa woyyuun tokko dubbatu dhagaye; woyyuun biraa ammo woyyuu dubbate kanaan, «Wonti mudhataan argaman kunniin yoomiin raawwataman? diddaan badii fidu bikka ciincaa hennaa maraa dhiyaatu haga yoomii bakka bu'a? manni woyyuunii fi duultonni sami'ii dabarfamanii kennamanii dhiitama'aa jiraatan haga yoomiiti?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ani woyyichi tokko dubbatuun dhage'e; woyyichi dhibiin, woyyicha dubbate saniin, «Mudhiin marroo ciincaa guyyuma guyya'aan dhikaatuu, ta hammeenna badii fiduu, akka inni irra sirbuuf, addeen woyyitti'ii fi loltooti isaaf dabarfamanee kennamane sun, yoom muummotti?» jedhe.