Daniel 9:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
gaargala Seera Musa keesati t'aafani ch'ufa nutini d'ufte. Ammo ato akasile taate, ee AABBO Waaqa keenna, nu dabaafi ch'ubbu teenna lakimne d'uga tante gula deemne si gammachimne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati akkaataa seera Muuse'ee irratti barreeffameen rakkoo kana maraa nutti fidde; Rabbi Waaqa keenna! wonti kun maruu ta'ee nu'u cubbuu keenna irraa deebinee dhugaa duukaa bu'a'aa araara si irraa argachu'uuf si hin kadhanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma Seera Muuse'ee keessatti barreeffame, badiin tun duudiin nu dhaqqadde; te'uu malee nuuti cubbuu teenna irraa deebi'iisaan, dhugaa teetille hordofatiisaan si Mootii Waan Maraa Waaqa keenna hin gammachiinne.