Daniel 9:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi tana jabeesi hubad'i: Haguma gaafa seera baasani, Yerusalemu jaara jed'ani kaani haga nami Waaqi muude fohatu d'ufuti, ganna torbatama ka maro torbati jiddu jira. Dira Yerusalemu mid'aasani jabeesani boolani marsani jaarani, karale ch'ufa iti tolchani; duuba diri suni ganna jaatami lama maro torba taa, ammo ganni sunini ch'ufti bara gaargalati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kana qalbi'iin hubadhu; hennaa akka Yerusaalem haarawoomtu ajanyi baye irraa jalqabee haga hennaa Masihiin dhufuutitti torbeen torbaa hin lufan; akkasuma torbee jahaatamii lamaa hennaa rakko'oo keessa Yerusaalem, karaan isi'iitii fi boolli isiin diina uf irraa dhooggituun hin ijaarama; ammo kun maruu bara rakko'oo keessa ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tana beekiitii hubadhu; yennaa Yerusaalem adde'etti deebitee akka ijaarantuuf ajaji bayeen jalqabee, haga yennaa bulchaan muudame dhufuutitti torbaan torba hin dabarti; akkasuma torbaan jaatamii lamaaf badhinneen qachaa Yerusaalemii ijaarantee, baleen hin qotanti; te'uu malee tun duudiin bara rakko'ootitti teeti.