Daniel 9:27 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyichi suni nama heddu, haga ganna torba, wold'aqisa woliini tolfata. Ammalle ganna torbaani suni jiddu keesati inni soriofi waan Waaqaa baasani ch'ufa balleesa. Waan hamtu nama rifachiisa fiit'e Mana Waaqa gubba kayani, haga nama achi kaye suni baddini Waaqi kurfeesefi sunini d'aqabduti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchaan sun torbaan tokkoof banii hedduu woliin waadaa cimaa gala; wodhakkaa torbe'eetitti ciinca'aa fi kennaa hambisa; bikka isaanii battummaa badii fidu akka bakka bu'u taasisa; wonti kun ka ta'u badiin bulchaa hamaa san irratti labsame haga raawwatamuuf.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bulchaan dhibiin sun woggaa torbaaf kolbaa hedduu woliin gondooroo hin godha; inni gamisa woggaa torbaatitti ciinca'aa fi kennansi midhaanii akka hafu godhee, addee ciinca'aatii fi kennansa midhaan sanii, battummaa badii fiddu Galma Waaqaa keessatti akka jiraattu hin godha; tunille adabbiin bulchaa san irratti laffante haga muummottutti teeti» jedhe.