Daniel 9:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini, ee Aabbo, hojja ch'ufa waan d'uga tolchita ammo nu hojja ch'ufa ch'eera ufitini d'ufna. Nu worri Yuda, ka Yerusalemu, ammalle worri Israeli ka maro worri hamaate si lakiseefi atini lafa ch'ufa keesa firfirsite ch'ufti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaa Gooftaa'a! ati Waaqa dhuga'aati; nu'u ammo siif amanamtoota ta'uu dhiifnaan nu baniin Yihuuda'aa worri fago'oo fi dhiyoo jirru ka ati biyya maraa keessa bittinneessite, nu'u worri Yerusaalemiitii fi baniin Israa'elii maruu amma salphinni nu irra gayeera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Gootta'a, ati balcha'a; nuuti ammoo worra addatamaa si'iif waan hin te'iniif, nuuti namooti Yihuda'aa, kolbaan Yerusaalemiitii fi Israa'elii, bayya'aa fi dhikoo worri jirru ka ati biyya lafaa mara keessa bittinneessite yennaa ammaa tana salphanneerra.