Deuteronomy 1:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba anini worra qaro, beekhafi hubacha qabu, ka isani gosa teesani keesa filatani, mataa isani tolche worri hagi toko mataa nama kuma tahe hagiini ka nama shantama tahe, hagi tokoleeni ka nama kud'ani tahe. Ammalle anini nama gugurda d'ibi gosa keesaa fohad'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee worra beettota, namoota waa beekan, bulchoota gosa keessan keessaa isinii filee isaan isin irratti bulchoota, worra loltuu kumaa ajaju, worra loltuu dhibbaa ajaju, worra loltuu shantamaa ajaju, worra loltuu kudhanii ajajuu fi worra isin bulchu gosa gosaan isinii file.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf sooressitoota gosa teessanii worra qaroo ulfinna qabanu san fuudhee, gosa gosa teessan irratti ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaatii fi qondaaltota kudhanii godhe.