Deuteronomy 1:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo isani nati d'uftani waan jettani, Nama ufi dura ergina ka lafa suni dooyatu, aka worri kara dansa nu gula godaanuufi dira dadansa achi jiru nuti himu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin gara kiyya dhuftanii namoota dhaqanii lafa san gaadan ka karaan akka qajeelaa ta'ee fi akka hin taane laalanii achi nu geessan; worra qachaa san qoratan nu afoo ergi› naan jettan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba isin marti gara kiyya dhuttanee, «Gara biyya sanii dhaqanee akka dooyanu dursinee namoota erginuu ti; isaan karaa achi nu geessuu fi qachoota itti dhaqaarru dooyanee deebi'anee nutti himanuu ti» jettane.