Deuteronomy 1:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle ganna afurtameeso guyya qara ka jia kud'ani tokeeso keesa, Musani eegi lafa Misiri keesa bahani waan AABBO Waaqi biyyati himi jed'eeni kaani ch'ufa worra Israeliti haasae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga biyya Misirii gad dhiisanii bayaniin maayessa woggaa afurtameesso'oo ji'a jalqabaatitti Muuseen mootii Seewoonii ka Hasebooniin keessa taa'aa ture, Mootii Amoorotaa Seewooniin, ka Astaarootii fi Ediraayiin keessa taa'aa ture mootii Baasaanii Aagiin haga dhayeen maayessa waan Rabbi waan isaanii isa ajaje maraa ijoollee Israa'eliititti hime;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'elooti biyya Gibxi'iitii baatee woggaa afurtameesso'ootitti, ji'a kudhanii tokkeesso'oo, guyyaa tokkeesso'ootitti, Muuseen waan Mootiin Waan Maraa marroo isaaniitiif isa ajaje mara Israa'elootatti hime.