Deuteronomy 10:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi AABBO Waaqi worra gosa Lawi fohate, aka worri Sanduqa Wold'aqisa baate, huji qaallu isaa hojatte maqa isaatini namaa eebisu. Arrale hujiini worraa sunuma.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san saanduuqa waada'aa ka Rabbii akka baadhatu Rabbiin tajaajilu'uuf isa afoo akka dhaabatu maqaa ufiitiin isa eebbisu'uuf haga adhaa Rabbi gosa Leewwi'ii fooye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa akka ba'attu, isa tajaajiliisaaf Mootii Waan Maraa dura akka dhaabbattu, maqaa isaatiin akka eebbittu, Mootiin Waan Maraa gosa Lewwi'ii adda baase. Haga adhaalle tajaajilli gosa Lewwi'ii kanuma.