Deuteronomy 11:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle waan inni Dathanifi Abiramu, ilmaani Eliabu, ka gosa Reubeni tolche, inqaabattani. Nama ch'ufa durati aka lafti ch'iiteeni worraafi waarofi waan lubbu qaba, ka worri qabu ch'ufa, liqimsite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii Israa'elii maraa jiddu'utti lafti afaan bantee isaanii fi maatii isaanii daasee isaaniitii fi waan isaan qaban maraa akkuma liqimsite waan ilma Roobeelii, waan ijoollee Eeliyaabii Daataanii fi Aberooniin irratti godhe worra waan kana hin beennee fi ijoollee waan kana hin arginetti waan hin himneef isin adha beekaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gosa Ruubenii keessaa ilmaan Eliiyaabii Daataanii fi Abiiramii waan inni godhe, Israa'eloota wodhakka'atti, latti afaan ifii banattee, maatii isaanii, dunkaanii isaaniitii fi horii isaanii akka liqinsite isaan hin dhaggine.