Deuteronomy 12:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja galaana Yordani taakitani AABBO Waaqi lafa suni isani kenne isani keesa teetani. Inni nyaapa keesani ch'ufa isani iraa d'owe, isani nagayaani teetani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa galaana Yoordaanosii ceetan lafa Rabbi Waandhi keessan isin dhaalchisu irra hennaa jiraattan sodaa malee akka jiraattaniif diintota keessan ka isin marsan afo'otti hennaa hara baafannaa isinii kenne,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee, laga Yordaanosii gamatti buutanee, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan dhaala godhee isinii kennu keessa yennaa qabattanu, nageyaan akka leetanu, inni diinota adaala keessan jiranu mara irraa isin hin foorfachiisa.