Deuteronomy 12:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqa fulla toko ch'alla ta iti kad'atani fohata, achiti waan anini kootani isaaniini jed'e, d'ufuuni maltani: sorio gubanifi sorio d'ibile, qooda Waaqa baasanifi waan d'ibi ka baasanile, ammalle waan isani Waaqa kennina jettani kakhatanile.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
hennaa san maqaan Rabbii Waaqa keessanii akka waamamu gara hulee inni filatee sanitti waan isin ajaju maraa ciincaa keessan ka ciincawu ciincaa biraallee kurneessoo keessan, kennaa keessan ka harkaan dhiyeessitanii fi woreega Rabbiif qabdan maraa fidaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka maqaan isaa itti waamanuuf, addee bultoo ifii godhatiisaaf filatetti, waan ani isin ajaju mara: kennansa gubamuu fi ciincaa, kudhan keessaa tokkoo fi kennansa addaa, qabeenna Mootii Waan Maraatii kenniisaaf waadaa galtanee adda baafattane hin fiddan.