Deuteronomy 12:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo fulla isani qubattani ch'ufati dandeetani hori keesani qalatani nyaattani. Hori haga AABBO Waaqi isanii kenne nyaad'a. Isaniini ch'ufti yo qulqullo taatanifi yo qulqullo intahinile dandeetani nyaatani akuma isani fooni hidditifi ka saala nyaattani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Garuu akkuma eebba Rabbi Waandhi kee sii kenneen akkuma ufii feetetti waan balbala kee jiru maraa qalii nyaadhu; namni qulqulluunii fi battaayaanillee kuruphe'ee fi gadamsa haa nyaatuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee akkuma eebba Mootiin Waan Maraa sii kennetti, qachoota keeti kamiiyyuu keessatti horii keeti, akkuma buddanne'ee yookiin gadansaa qaliitii foon haga barbaadde nyaadhu; akka aadaa dhugeeffanna'aatitti nami qulqulluu te'e yookiin qulqulluu hin te'inille foon san nyaatuu hin dande'a.