Deuteronomy 12:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan Waaqaa baaftani tokole fulla iti galtaniti inyaatina: qooda mid'aani taanaani, ka daad'i taanaani, ka d'ad'a taanaani, waan loonifi reeni teesani goroomuma d'alte taanaani, waan isani Waaqaa baamna jettani ka katanile taanaani, waan fed'iini baaftanile taanaani, yokhaani waan d'ibile, ka isani Waaqaa baaftani tokole insooratina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kurneessoo midhaan keetiitii fi ka daadhii woyini'ii, kurneessoo sayitii kee ka ejersaa, hangafa sa'aa fi hoola keetii, woreega kee ka qabde maraa kennaa fedha keetiin kennituu fi kennaa midhaanii ka harkaan dhiyeessituu afoo balbala keetiititti hin nyaatin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Midhaan, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa teeti harka kudhan keessaa harka tokko yookiin loon, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa ka qara dhalate yookiin waan kenniisaaf waadaa galte mara, yookiin kennansa fedhii teetiin kennitu yookiin kennansa keeti ka addaa qachaa keeti keessatti hin nyaatin.