Deuteronomy 12:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo fullaani AABBO Waaqi keesani fohate iti na kad'ad'a jed'e isani iraa guddo fago taate, hojja feetani dandeetani loonifi ree, ka AABBO Waaqi isanii kenne, qalattani worrati nyaatani, akuma anini isaniini jed'e kaani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Waandhi kee akka maqaa ufii achitti waamsisu huleen inni filate yoo si irraa fagaatellee hoola'aa fi sa'a Rabbi sii kenne keessaa akka ani ajajee fi akka fedha keetiitiin balbala mana keetiititti nyaadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addeen Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka itti waamamuuf filate si irraa guddoo yoo fagaatte, akkuma ani si ajajetti loon yookiin hoole'ee fi re'ee Mootiin Waan Maraa sii kenne keessaa qalattee, qachaa keeti keessatti haga barbaadde nyaatuu hin dandeetta.