Deuteronomy 12:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fulla worra ta woyyu ch'ufa balleesa, d'akha woyyu, aka worri old'ad'aabe ch'ufa, ch'ach'absa. Akheekha waaqa worra ka Ashera jed'ani gubaa waan worri boch'e aka waaqa kad'atu gargari ch'ira, aka deebiani fulla suniti inkad'anne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
hulee ciincaa isaaniillee diigaa'a; soodduu isaaniillee caccabsaa'a; gaaddisa isaan jalatti waaqeffatanillee ibiddaan gubaa'a; fakii waaqa tolfamaa isaaniillee caccabsaa'a; maqaa isaaniillee hulee sanii balleessaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addee ciinca'aa ta isaanii caccassa'aa diiga'a; soodduu woyyittii isaanii butucha'a; utuboota waaqa dharaa ta isaanii ta, «Asheeraa» jedhantuu ibiddaan guba'a; waaqota isaanii ka dharaa mura'aa jissa'a; maqaa isaanii addee san irraa balleessa'a.