Deuteronomy 12:31 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka worri waaqa worraa kad'atu AABBO Waaqa keesani inkad'atiina: Wonti akanatiifi worri hojja waaqa worra kad'atu, waan hamtu ch'ufa ka AABBO Waaqi jibbu tolcha. Worri hojja sorio waaqa worrati baasu ilmaani isaanile gube baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan isaan waan batti Rabbi jibbu maraa waaqa tolfamaa isaanii irratti hojjataniif ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa waaqa tolfamaa isaaniitiif ibiddaan waan gubaniif ati garuu Rabbii Waaqa keetiif akkas hin godhin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati Mootii Waan Maraa Waaqa keeti karaa isaan waaqonfatanuun hin waaqonfatin. Sababille isaan waaqota ifii yennaa waaqonfatanu, waan diqachiisu ka Mootiin Waan Maraa jibbu mara godhan. Isaan ijoollee ifiituu ilmaan fi ijoollee ifii ta durraa ibidda addee ciinca'aa irratti waaqota ifiitiif ciincessan.