Deuteronomy 12:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Achiti isani sorio teesani ta gubanifi sorio d'ibile ammalle qooda Waaqaa baaftanifi waan d'ibi isaa baaftanile, waan isani kakhatani Waaqa baaftanifi waan fed'i gula waaqa baaftanile waan loonifi reeni teesani goroomuma d'altu Waaqaa baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ciincaa keessan ka ciincawu ciincaa biraallee ka ciincawu, kurneessoo keessan, kennaa keessan ka harkaan dhiyeessitan, woreega qabdan, kennaa fedha keessaniin dhiyeessitan, hangafa sa'aa fi hoolaa keessanii achi fida'aatii
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achitti kennansa gubamuu fi ciincaa, kudhan keessaa tokkoo fi kennansa addaa, kennansa kenniisaaf waadaa galtane, kennansa fedhii teessanii, loon, hoole'ee fi re'ee teessan keessaa ka qara dhalatu dhikeessa'a.