Deuteronomy 13:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan nami dira suni qabu ch'ufa woltiguura, jiddu dira, fulla nami iti wolwoldauti, tuula. Duuba dirafi waan keesa jira ch'ufa guba, akuma sorio gubani AABBO Waaqa keesani baaftani. Diri sunini ha haguma jiru akasuma tahuti, deebitani injaarina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Meeshaa isi'ii maraa balbala qachattii saniititti wolitti qabdee Rabbii Waaqa keetiif ibiddaan gubda; baraa haga bara baraa qachaan sun ona taati; deebiteellee hin ijaaramtu;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan qachaa san keessaa booji'ame mara wodhakkaa addee dikko'ootitti wolitti qabiitii, akka kennansa duuduma gubamuu, ka Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu godhiitii qachaa sanii fi waan booji'ame san mara gubi. Qachaan sun haga bara baraa tuulaa bututaa te'ee hafuu malee, ijjumaa deebi'ee hin ijaaramin.