Deuteronomy 13:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan balleesu malani oli inkeyaatina, aka AABBO Waaqi dallansu ufii hamtu taani galfate isanii nahu. Inni isanii nahe isani daraarsa, akuma inni ababoota teesaniti kakhate,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
ajaja ani adha si ajaju maraa yoo eedde, waan Rabbii Waaqa kee gammachiisu yoo hojjatte, jecha Rabbii Waaqa keetii yoo dhageette akka lollinii fi balaan Waaqaa si irraa deebi'u akkuma abboota teetiif waadaa gale akka sii araaramu akka garaa sii laafu akka si baay'essu wonti battiin harka keetitti hin argamin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka Mootiin Waan Maraa aarii ifii ta bobeettu irraa deebi'ee, isiniif mararu, wonni Mootii Waan Maraatiif murteeffame tokkolle harka keeti keessatti hin dhaggamin; inni akkuma abbootii teessan ta duriitiif waadaa galee kakate, isiniif hin marara; isiniif hin naya; laakkossa keessanille hin baceessa.