Deuteronomy 13:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo raagafi nama waan oobju himu ka akasi suni ijeesa; wonti akanatiifi inni AABBO Waaqa, ka lafa Misiri fulla isani tisse iti taatani keesaa isani baase, iraa gora jed'e isani barsiisa. Nami akasi suni hama, kara AABBO Waaqi keesani keesati bulla isaniini jed'e iraa isani gorsu fed'a. Tanaafi isaa ijeesuu maltani, aka waan hamtu akasi ufi keesaa baaftani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Karaa Rabbiin Waandhi kee si ajaje irraa si balleessu'uuf, Rabbii Waaqa keessan ka garbummaa biyya Misiriitii isin baase irraa isin balleessu'uuf waan dubbateef raanni sun yookaan namni eebjuu eebjote sun haa ajjeefamuu; akkasuma waan badaa uf keessaa balleessi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Raagichi sun yookiin nami oojju'uun moru sun, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baasee, garbummaa biyya Gibxi'ii jalaa ka isin wode akka finqiltanu waan lallabuuf ijjeefamuu qaba. Inni karaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin hordottanu isin ajaje irraa akka isin gortanu wodhaana. Akka kanaan waan hantuu odduu teessanii balleessa'a.