Deuteronomy 14:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba fulla AABBO Waaqi keesani fohate isa iti kad'attani d'aqa, achiti isa duraa mid'aani, daad'i, d'ad'a, waan horiini goroomuma d'ale, ka loonitifi ka reele, kud'ani keesa toko nyaad'a. Waan kana tolcha, aka hojja ch'ufa AABBO Waaqa keesani sodaatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
hennaa maraa Rabbii Waaqa kee sodaachuu akka barattu hulee inni maqaa ufii waamsisu'uuf filatetti kurneessoo midhaanii, kurneessoo daadhii woyini'iitii fi ka sayitii ejersaa, hangafa sa'aatii fi ka hoolaa keetii Rabbii Waaqa kee afo'otti nyaadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa mara Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaatiisa akka barattu, midhaan keeti keessaa, daadhii woyni'ii haareya teeti keessaa, zayitii ejersaa teeti haareya keessaa ka matoomaa, loon, hoole'ee fi re'ee teeti keessaa ka qara dhalatu addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka maqaan isaa itti waamamuuf filattetti isa duratti nyaadhu.