Deuteronomy 14:26 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan feetanini bitad'a — looni taanaani, ree taanaani, daad'ifi farsole taanaani — achiti AABBO Waaqa keesani dura, worra keesani woliini, nyaad'a quufa gammada.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achitti horii sanniin waan ufii feete sangaa yookaan hoolaa'a, daadhii woyini'iitii fi dhuddoo jabaa'a, waan qalbiin tee feete maraa bittee Rabbii Waaqa kee afo'otti nyaatta; atii fi maatiin keellee hin gammaddan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achitti beesee saniin waan jaalatte mara: loon, hoolee, daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu yookiin waan halchite mara bitadhu; achiin duuba atii fi maatiin teeti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti nyaadha'aatii gammada'a.