Deuteronomy 15:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganni gati nama lakisani ya d'aate jettani, waan hamtu hereddani, gati ind'owatiina. Heregi akasi hamaani suni qalbi teesani inseeniini. Yo isani gati d'owattani, inni AABBO Waaqati bohe, isani ch'ubbu keesa seentani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woggaan torbeesso'oo ka liqaa itti namaa dhiisan dhiyaateera jettee yaada hamaa hin yaadin; nama obboleessa kee hiyyeessaaf womaa hin kennine hin ta'in; ija bada'aan isa hin laalin; inni waan keetiif gara Rabbii akka hin boonne cubbuu akka sitti hin taane uf eegi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati, «Woggaan torbeesso'oo ka liqaan namaaf itti lakkifamu geyeera» jettee, yaad hamaan qalbii teeti keessa seenee, obboleessa keeti dhabaa sanitti gadhaa jabaattee, adoo isaaf woy hin kennin hin hafin; innille gara Mootii Waan Maraa iyyee, ati yakkaamessa akka hin teene ifi eegadhu.